Loading...
Larger font
Smaller font
Copy
Print
Contents

Lallaba Gaara Eebbaa Irraa

 - Contents
  • Results
  • Related
  • Featured
No results found for: "".
  • Weighted Relevancy
  • Content Sequence
  • Relevancy
  • Earliest First
  • Latest First
    Larger font
    Smaller font
    Copy
    Print
    Contents

    “Namni haadha manaa isaa baasuun seeraa?” Mat. 19:3.

    Yihuudota keessatti haati manaa isaanii yoo yakka dalagde baasuun beekamaa ture; sana booda isheenis kan biraatti heerumuuf mirga qabdi. Shaakalli kun gaddaa fi cubbuu baayyeetti geessa ture. Lallaba gaara irratti godhe sana keessatti Yesuus kakuu gaa’elaaf amanamoo ta’uu yoo dadhaban malee gaa’ela diiguun akka hin danda’amne labse. “Inni garuu deebisee, namni haadha manaa isaa baasee kan biraa fuudhe ni ejja: namni ishee baate fuudhus ni ejje, jedhe.”LGEI 63.2

    Yeroo Fariisonni gaa’ela diiguun heyyamaamaa dha jedhanii gaaffii itti kaasan, Yesuus immoo gaa’elli jalqaba uumamaatti akkamitti akka ture isaanitti agarsiise. “Museen sababa mata jabina keessaniitiif haadha manaa keessan akka baaftaniif karaa isiniif bane malee jalqabatti akkas hin turre.” Mat. 19:8. Guyyaa eebbifamaa isa yeroo Waaqayyo, “Baayyee gaarii dha” jedhe sana isaan yaadachiise. Jannata keessatti ture dhaabbileen fayidaa namaaf kennaman lamaan, Gaa’elaa fi Sanbati kan hundeeffaman. Sana booda Waaqayyo harka hidhattoota gaa’elaa lamaan wal qabsiisee akkas jedhe, “Kanaafis dhiirri abbaa isaa fi haadha isaa ni dhiisa, haadha manaa isaattis ni maxxana, isaan lachuus foon tokko ta’u” (Uum. 2:24); sana gochuu isaatiin Waaqayyo qajeelfama gaa’elaa yeroo Addaamii kaasee amma dhuma baraatti kan turu kaa’e. Seera Waaqayyo guddina ilmaan namootaaf eebba guddaa dha jedhee ofii Isaatii labse dha.LGEI 63.3

    Akkuma kennaa gaggaarii warra Waaqayyo kenne kaanii gaa’ellis cubbuudhaan manca’e. Haa ta’u malee, miidhaginaa fi qulqullina isaa iddootti deebisuun kaayyoo wangeelaati. Kakuu Haaraas ta’e Kakuu Moofaa keessatti gaa’elli walitti dhufeenya jaalalaa fi qulla’aa ta’e kan Kiristoosii fi saba Isaa gidduu jiru agarsiisa; sabni Isaa kunis warra Inni gatii qaraaniyoo irratti baaseen isaan bitee isaan fayyise dha. “Hin Sodaatin,” jedhe; “Inni Si uume akka abbaa manaa siif ta’a; maqaan Isaa Waaqayyo Gooftaa maccaati; Inni si fure Isa qulqulluu kan Israa’el.” “Ana Gooftaa keessaniho deebi’aa; ani isin fuudheeraho.” Isa. 54:4, 5; Erm. 3:14. Weedduu Weeddotaa keessatti dhirsi misirroo sagalee isaa dhageessisee utuu akkas jedhuu dhageenya, “Jaalalleen koo kan kooti, anis kan jaalallee kooti.” Kan ishee Inni ta’es, “Namoota kuma kudhan keessatt iyyuu ni mul’ata,” warra Isaaf fo’amaniin akkas jedha, “Yaa hiriyyee koo ati guutummaatti miidhagduu dha, mudaa tokko illee hin qabdu.” Weedduu Weedduu Caalu 2 :16; 5:10; 4:7.LGEI 64.1

    Phaawulosis gara dhumaatti warra Efesooniif yeroo barreesse akka Gooftaan abbaa manaa mataa haadha manaa godhee kaa’e labse; mataa haadha manaa, kan hamaa irraa ittisu, kan maatii guutummaa walitti hidhu, akkuma Kiristoos mataa waldaa kiristaanaa fi fayyisaa qaama waldaa hundumaa ta’e jechuu dha. Kanaafis jedha, “Waldaan Kiristaanaa harka Kiristoos jala akkuma of galchitu, haati manaas waan hunudmaatti harka abbaa manaa ishee jala of haa galchitu. Kiristoos akkuma waldaa Kiristaanaa jaallate, waldaadhaafis dabarsee of kenne, akkasuma abbaan manaas haadha manaa isaa haa jaallatu. Waldaan kiristaanaa Waaqayyo biratti fudhatamtuu akka taatutti Kiristoos karaa dubbii Isaatii bishaaniin dhiquudhaan ishee ni qulleessa. Waldaas xurii fi dirmammuu waanti kana fakkaatus utuu irratti hin argamin fudhatamtuu mudaa hin qabne godhee ulfinaan of dura ishee dhaabuuf jira. Akkasumas immoo, Abbaan manaa akkuma dhaqna ofii jaallatutti haadha manaa jaallachuun ni ta’aaf. Namni haadha manaa isaa jaallatu ofii isaa ni jaallata.” Efe. 5:24-28. {MB 64.2}LGEI 64.2

    Ayyaana Waaqayyoo qofatu dhaabbata kana akka Waaqayyo yaadee karoorse gochuu danda’a; bakka bu’aa ilmaan namootaa eebbisuu fi ol qabuu danda’u. Kanaafuu, maatiin lafa irra jiraatan, tokkummaa, jaalalaa fi nagaa qabaataniin maatii samii irra jiran bakka bu’uu qabu.LGEI 65.1

    Amma, akkuma bara Kiristoos lafa irra tureetti, haalli hawwaasi keessa jiru walitti dhufeenya qulqulla’aa kana ilaalchisee haala gaddisiisaa irra jira. Haa ta’u malee, hidhata gaarii fi gammachuu dhabuudhaan namoota jireenyi itti hadhaa’ee fi abdii kutataniif wangeelli furmaata kennu qaba. Obsaa fi gaarummaan walitti dhufeenya hadhaa’e ni miyeessa. Onneen Kiristoos keessa buufate jaalala qabuun ni guuta, ni quufa, ofitti hawwachuuf yaaduudhaan nyaatamee hin dhumu. Lubbuu ofii Waaqayyotti dabarsanii kennuudhaan waan Ogummaan namaa gochuu dadhabe Ogummaan samii akka raawwatu gochuun ni danda’ama. Ayyaana Waaqayyootiin, onneen wal irraa fagaatee fi keessummaa walitti ta’e deebi’ee walitti hidhamuu fi kan warra biyya lafaa caalaa yeroo dheeraaf turuu ni danda’a.LGEI 65.2

    Larger font
    Smaller font
    Copy
    Print
    Contents