Loading...
Larger font
Smaller font
Copy
Print
Contents

Lallaba Gaara Eebbaa Irraa

 - Contents
  • Results
  • Related
  • Featured
No results found for: "".
  • Weighted Relevancy
  • Content Sequence
  • Relevancy
  • Earliest First
  • Latest First

    Boqonnaa 4 - Tajaajila Keessatti Kaka’umsa Dhugaa

    “Namootatti mul’achuudhaaf jettanii tola keessan namoota duratti akka hin gnnne nf eeggadhaa.” Mat. 6:1.

    Dubbiin Yesuus gaara sana irratti dubbate hundinuu kan Inni jireenya Isaatiin barsiise yeroo ta’u namootni kan hubachuu dadhabani dha. Humna akkasii qabaatee, waan isaan godhan kana of irraa ittisuuf itti fayyadamuu dhiisuun Isaa akkamitti akka ta’e hubachuu dadhaban. Hafuurri, kaka’umsii fi itti fayyadamni isaanii kan Isaa irraa faallaa ture. Seerri akka kabajamuuf inaaffaa guddaa qabna ofiin haa jedhan malee, xiyyeeffannaan isaanii kabaja ofiif kennuu dha; Yesuus garuu, of jaallachuun seera irra daddarbuu ta’uu isaa mul’ise.LGEI 78.1

    Qajeelfamni Yihuudotni keeyyatan amala ilmaan namootaa kan baroota hundumaa keessa jiru dha. Hafuurri Fariisotaa hafuura ilamaan namootaati; Inni Yesuus amala Isaa fi Hafuura Isaa kan warra barsiisota seeraa wajjin wal bira qabee agarsiise baroota hundumaaf barumsa kan ta’u dha.LGEI 78.2

    Bara Yesuus biyya lafaa irra turetti Fariisonni turan itti fufiinsaan akka samiin gara isaanii gortuu fi sababii sanaan ulfinaa fi qabeenyaa biyya lafaa kan akka waan samiin isaan badhaafteetti yaadan argachuudhaaf yaalaa turan. Akkasuma immoo namootaaf arjoomuudhaan qullaa’ummaa, kabajaa fi maqaa gaarii argachuuf yaalaa turan.LGEI 78.3

    Fakkeessitummaa isaanii Yesuus ni ceepha’e. Waaqayyo tajaajila akkasii akka hin fudhanne itti hime. Namoota biraa ajaa’ibsiifannaa argachuuf kan hojjetan, ajaa’ibsiifannaan namootaa badhaasa isaanii isa dhumaa akka ta’us isaan akeekkachiise.LGEI 79.1

    “Yeroo kennaa kennitan, waan harki keessan inni mirgaa kenne inni bitaan hin beekin,” jedhe. “Kennaan keessan dhoksaatti haa ta’u: Waaqni keessan Inni dhoksaatti waan hojjetame argu mul’inatti isin badhaasa” jedhe.LGEI 79.2

    Yesuus kana keessatti gaarummaan yeroo hunda dhoksaa ta’uu qaba jechaa hin jiru. Phaawuloos yeroo Hafuura Qulqulluudhaan geggeeffamee waa’ee kiristaanota warra Maqadooniyaa keessa jiranii barreesse, arjoomuu isaanii isa amma aarsaa of godhanitti ture sana hin doksine, sanaaf isaan galateeffatee warri kaanis fakkeenya sana akka hordofan gaafate. Waldaa Qorontoosiifis akkas jedhee barreesse, “Hinaaffan keessan isaan keessaa namoota baayyee sochooseera.” 2 Qor. 9:2.LGEI 79.3

    Jechootni Yesuus maal jechuu akka barbaade ifa taasise, kaayyoon arjoomuu namoota biraa galata ykn kabaja argachuu miti. Gaarummaa Inni dhugaan namootatti of mul’isuuf kan godhamu miti. Warri namoota irraa galataa fi jajamuu barbaadanii gaarummaa godhan kiristaanota afaaniiti.LGEI 79.4

    Duuka buutonni Kiristoos hojii gaarii hojjetaniin ofii isaaniif utuu hin taane Waaqayyo Isa ayyaanaa fi humna isaaniif baayyiseef ulfina Isaa dabarsu. Hojiin sun kan hojjetame Hafuura Qulqulluudhaan dha; Hafuurichi immoo isa fudhateef utuu hin taane Isa kenneef ulfina kenna. Yeroo ifi Kiristoos lubbuu irratti ifu, hidhiin hundinuu galata Waaqayyootiin guutama. Kadhannaa keessan, hojii tokko raawwachuun keessan, gaarummaan keessan, of ganuun keessan, kan ofii keessanii biraa madde miti. Yesuus ol jedhee anummaan gad jechuu qaba, sanaan Kiristoos guutummaatti mul’ata.LGEI 79.5

    Yeroo gaarummaa goonu gaarummaa keenya mul’isuuf utuu hin taane jaalala warra rakkataniif qabnu irraa ta’uu qaba. Kaka’umsa qajeelaa ta’een, gaarummaan onnee irraa godhamu, kan samiin gatii guddaa kennuuf dha. Lubbuun jaalala dhugaa qabdu, garaa guutuudhaan kan waaqeffatu, kan Waaqayyo warqee Ofir caalaa gatii kennuuf dha.LGEI 80.1

    Nuti badhaasa utuu hin taane tajaajila keenya yaaduu qabna; haa ta’u malee, gaarummaan Hafuura dhugaadhaan godhame utuu gatii hin argatin lafa hin bu’u. “Abban keessan Inni dhoksaatti kan isin gootan argu mul’inatti isiniif ni deebisa.” Kan jaallatu qofatu jaalala argata. Ofii keenya tajaajila namoota biraaf yeroo kenninu Waaqayyo ofii Isaa nuuf kenna.LGEI 80.2

    Namni kam iyyuu Waaqa harkaa utuu hin badhaafamin keessa isaatii eebba Waaqayyoo namoota biraaf burqisiisuu hin danda’u. Burqaan gaara sana qarqaraa yaa’u galaana sana bira ga’uuf waan rakkatuu fi waan kasaaru hin qabu. Wanti isaan kennan dacha dhibba ta’ee deebi’aaf. Burqituun faarfataa yaa’u sun of duubatti kennaa firii naqachuu kenaa deema. Qarqara burqituu sanaa irra kan jiran margi lalisanii, mukeetiin dame yaafatanii, abaaboon daraaranii argamu. Yeroo roobni bade lafti duwwaa ta’utti toorri burqituun sun irra dhangala’u magariisa ta’ee argama. Kan gaara sana irra gara galaanaatti gadi yaa’u eebba Waaqayyo biyya lafaatiif qabu agarsiisa.LGEI 80.3

    Kun eebba warra hiyyeessotatti ho’a agarsiisaniiti. Raajichi Isaayyaas akka jedhetti, “Buddeena keessan warra beela’aniif, hiyyeessa oliif gadi jooruuf iddoo bultii kennaa, isa qullaa ta’e yommuu argitan daara baasuu, warra aantii keessan ta’anitti dugda gatuu dhiisuu mitiiree? Yoo kana hundumaa gootaniif ifni keessan akka biiftuu ganamaa ol ni ba’a. Madaan keessan dafee deebi’ee ni fayya; qajeelummaan keessan isin dura ni adeema; ulfinni koos isin booddeedhaan isin ni eega. . . . Ani Waaqayyo yeroo hunda isin nan geggeessa, lafa gogaa keessatti iyyuu isin nan quubsa . . . yommus isin akka iddoo dhaaba isa yeroo hunda bishaan qabuu, akka burqaa bishaanii isaa hin hir’annee ni taatu.” Isa. 58:7-11.LGEI 81.1

    Hojiin gaarummaa eebba lama qaba. Namni tokko isa rakkateef eebba yeroo ta’u ofii isaatii immoo sana caalaa eebbifama. Ayyaanni Kiristoos lubbuu keessatti amala faallaa ofittummaa ta’e guddisa. Kunis jireenya qulleessee, badhaadhaa taasisa. Hojii gaarummaa dhoksaatti raawwatu onnee lamaanuu gara onnee isa burqaa gaarummaa ta’eetti walitti fida. Gochaan jaalalaa fi aarsaa of gochuu xinnoon, kan yeroo baayyee xiyyeeffannaan hin kennamneef, garuu akka foolii abaabootti suuta jedhee kan yaa’u, eebbaa fi gammachuu xinnoodha hin jedhamne namaaf fida. Dhuma irratti, of kennuu fi gammachuu warra kaaniif gaarummaa agarsiisuun ammam illee addana irratti kan fudhatama hin qabne yoo ta’e, Samii irratti tokkummaa nuti Waaqayyoo wajjin qabnu agarsiisuudhaan fudhatama guddaa aragata. Mootiin ulfinaas Inni ofii badhaadhaa ta’e nuuf jedhee hiyyeessa ta’e.LGEI 81.2

    Gochaan gaarummaa dhoksaatti ta’uu danda’a, amalli nama gaarummaa gudhuu bu’aan isaa dhookachuu hin danda’u. akka duuka buutota Kiristoositti garaa guutuudhaan yoo hojjenne, onneen keenya Waaqayyoo wajjin walitti dhufeenya jabaa qabaata, Hafuurri Waaqayyoos Hafuura keenya sochoosuudhaan tuqiinsa samiitiif akka lubbuun deebii qulqulla’aa samii wajjin wal fudhatu deebiftu taasisa.LGEI 81.3

    Inni warra kennaa isaaniif kennameen bu’aa buusaniif kennaa dabalataa kennu karaa isa humnaa fi ayyaana isaaniif kennee hojii isaanii isa gaarii beeksisuutti ni gammada. Warri biyya lafaa kana irratti guddina amala kiristaanummaa guutuu ta’e facaasan biyya isa dhufuuf jedhu keessatti waan facaasan ni haammattu. Hojiin biyya lafaa kana irratti jalqabame sadarkaa guddaa irra kan ga’u jireenya isa qulqulluu fi kan bara baraa ta’e sana keessatti dha.LGEI 82.1