Loading...
Larger font
Smaller font
Copy
Print
Contents

Lallaba Gaara Eebbaa Irraa

 - Contents
  • Results
  • Related
  • Featured
No results found for: "".
  • Weighted Relevancy
  • Content Sequence
  • Relevancy
  • Earliest First
  • Latest First

    “Warri nagaa buusan haa gammadan, isaan ijoollee waaqayyoo ni jedhamu.” Mat. 5:9.

    Kiristoos “Angafa nagaati” (Isa. 9:6), ergamni Isaas nagaa isa cubbuun cabse kana deebisee dhaabuu dha. “Kanaafis amantiidhaan qajeelota erga taanee, Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosiin Waaqayyo biratti nagaa qabna.” Rom. 5:1. Namni cubbuu dhiisee onnee isaa Kiristoosiif banu hundinuu, nagaa samii keessaa hirmaattuu ta’a.LGEI 27.2

    Hundee nagaa ta’uu kan danda’u kanaan ala kan biraan hin jiru. Ayyaanni Kiristoos onneetti yeroo fudhatamu, diinummaa balleessa; lubbuus jaalalaan guuta. Namni Waaqayyoo wajjinis ta’e namaa wajjin nagaa qabu gonkumaa hin jeeqamu. Inaaffaan onnee isaa keessa hin seenu; yaadni hammeenyaa onnee isaa keessaa bakka hin qabaatu; jibbi deebi’ee hin jiraatu. Onneen Waaqayyoo wajjin walii galtu nagaa samii keessaa ni hirmaatti, eebba sanas naannoo isheetti ni dhangalaafti. Hafuurri nagaa onnee hawwa biyya lafaa kanaan dhiphattee fi jeeqamte irra buufata.LGEI 27.3

    Duuka buutonni Kiristoos ergaa nagaa wajjin gara biyya lafaatti ergaman. Namni hundinuu utuu hin dubbatin jireenya qulla’aa jiraachuudhaan jaalala Kiristoos mul’isuu qaba; namni hojiidhaanis ta’e dubbiidhaan akka namni tokko cubbuu dhiisee onnee isaa Waaqayyoof akka banuuf geggeessu hundi naga-buuftuu dha.LGEI 28.1

    “Nagaa kan buusan haa gammadan: isaan ijoollee Waaqayyoo ni jedhamu hoo.” Hafuurri nagaa isaan qaban samii wajjin walitti dhufeenya qabaachuu isaaniitiif raga dha. Gammachun minyaawaan inni kan Kiristoos isaan marsee jira. Urgaan jireenyaa, amalli jaallatamaan, akka isaan ijoollee Waaqayyoo ta’an biyya lafaatti mul’isa. Namootni akka isaan Yesuus wajjin turan ni baru. “Kan jaallatu hundinuu Waaqayyo irraa kan dhalate dha.” “Hafuura Kiristoosiin kan hin qabne hundinuu, kan Isaa miti” garuu, “Warri Hafuura Waaqayyootiin geggeeffaman hundinuu ijoollee Waaqayyooti.” 1 Yoh. 4:7; Rom. 8:9, 14.LGEI 28.2

    “Ijoollee Yaaqob keessaa warri hafan saba baayyee gidduutti akka fixeensa Waaqayyo biraa dhufuu, akka tiifuu biqiltuu irratti roobuus ni ta’u; nama hin abdatan, ijoollee namaas hin eeggatan.” Miik. 5:7.LGEI 28.3