Loading...
Larger font
Smaller font
Copy
Print
Contents

Lallaba Gaara Eebbaa Irraa

 - Contents
  • Results
  • Related
  • Featured
No results found for: "".
  • Weighted Relevancy
  • Content Sequence
  • Relevancy
  • Earliest First
  • Latest First

    “Waan qulla’aa ta’e saroota jala hin buusinaa!” Mat. 7:6.

    Asi irratti Yesuus waa’ee garee warra garbummaa cubbuu jalaa baqachuuf fedha hin qabnee dubbata. Hammeenyaa fi jal’inatti waan qabamaniif sadarkaan namummaa isaanii gadi bu’ee amma irraa adda ba’uu dadhabanitti jal’inaa wajjin walitti hidhataniiru. Hojjettootni Kiristoos warra wangeela falmii fi qoosaadhaan ilaalaniin danqamuu hin qaban.LGEI 125.3

    Yesuus lubbuu cubbuu kamiin liqimfamtee utuma jirtuu dhugaa gati jabeessa ta’e fudhachuuf fedha qabdu tokko bira darbee hin beeku. Warra qaraxxootaaf dubbiin Isaa jalqabbii jireenya haaraa ture. Maariyaam Magdelaan kan inni hafuurota hamaa torba keessaa baase, nama dhuma irratti gara iddoo owwaalaa dhaqxee fi nama barii du’aa ka’uu sanatti jalqaba Yesuusiin argite dha. Sa’ol namni biyya Tarsas diina wangeelaa nama turetu booda phaawulos tajaajilaa Kiristoos isa fo’amaa ta’e. Lubbuun Yesuus fayyisee akka urjii gonfoo Furii keenyaa irra jiruutti ibsuu barbaadu jibbaa fi yakka adda addaa jala dhookachuu dandeessi.LGEI 126.1