Loading...
Larger font
Smaller font
Copy
Print
Contents

Lallaba Gaara Eebbaa Irraa

 - Contents
  • Results
  • Related
  • Featured
No results found for: "".
  • Weighted Relevancy
  • Content Sequence
  • Relevancy
  • Earliest First
  • Latest First

    “Karaan gara jireenyatti geessu rakkoodha, karri isaas dhiphaadha.” Mat. 7:14.

    Bara Yesuus lafa irra turetti sabni Filisxeem biyya gamoodhaan marfamte keessa gaara gubbaa jiraatu turan. Balballi isaanii inni yeroo aduun lixxu cufamu bira ga’uuf karaa dhagaan irra guutee fi rakkisaa waan ta’eef namni guyyaadhaan gara karra sanaatti qajeele utuu inni achi hin ga’in akka aduun hin dhiineef ariifachuu qaba. Namni dhiba’aan itti hin galin hafa.LGEI 133.2

    Karaa dhiphaa gara manatti geessu akka karaa Kiristaanotaatti Yesuus dubbate. Karaa inni ani isin dura kaa’u dhiphaa dha jedhe Yesuus; balballi isaas ittiin ol galuuf rakkoo dha; seerri warqeetti fakkeeffamu sun of tuulmaa fi fedhi ofii barbaaduu waan calalee hambisuuf jechuu dha. Karaa bal’aanis jira; dhumi isaa garuu badiisa. Yoo karaa jireenya hafuuraa irra buute walitti fufiinsaan ol ba’uu qabda; karichi kan ol baasu waan ta’eef jechuu dha. Namoota muraasaa wajjin deemta; baayyonni karaa isa bal’aa sana filatu waan ta’eef.LGEI 133.3

    Karaa gara du’aatti geessu irra biyya lafummaa isaanii, ofittummaa isaanii, of tuulmaa isaanii, amanamuu dadhabuu isaanii fi amala badaa qaban hunda fudhatanii qomoon namaa hundinuu deemuu danda’u. Achi keessa namni yaada barbaadee fi barumsa barbaade duukaa bu’uu danda’a. karaa gara badiisaatti geessu keessa deemuudhaaf, karicha barbaaduu nama hin gaafatu; balballi isaa bal’aadha, kar’ichis bal’aa dha, miilli namaas salphaatti karaa du’atti geessu irra adeema.LGEI 133.4

    Karaan gara jireenyaatti geessu garuu dhiphaa dha, karri isaas akkasuma. Cubbuu yeroo hojjettu karichi caalaatti sitti dhiphata. Karaa gooftaa irra deemuudhaaf, fedhiin ofii keetii, karaan ofii keetii, shaakalli hamaa fi amalli hamaan ati qabdu, hundinuu hafuu qaba. Namni gooftaa tajaajilu safara biyya lafaa hin guutu, ilaalcha isaanii wajjinis walii hin galu. Karaan samiitti geessu badhaadhummaaf, inaaffaa ofittummaan guuteef, warra akka fedhanitti darbuu barbaadaniif baayyee dhiphaa dha. Jabaatanii hojjechuun, obsi, aarsaa of gochuun, arrabsamuun, hiyyumni, kan Yesuusiin mudatan waan ta’eef namni iddoo teessoo Waaqayyootti galu hundinuu kana qooddachuu qaba.LGEI 134.1

    Haa ta’u malee karaan inni ol baasu jabaa inni gadi buusu immoo salphaa dha jettanii hin yaadinaa. Karaa gara du’aatti geessu irras gaddi, dhiphinni, abdii kutannaan, adabbiin akka deemsicha itti hin fufneef ni akeekkachiisu. Jaalalli Waaqayyoo namoota of balleessuuf deemanitti akka karichi ulfaatu ni godha. Karaan Seexanaa miidhagaa fakkaachuun isaa dhugaa yoo ta’e iyyuu gowoomsaa dha; karaa jal’inaa irra gadda jabaatu jira. Karoorri ofittummaadhaan qophaa’e abdii itti fakkeessuun guute kennuu danda’a, gammachuun nuti argannus akkasuma abdii sobaa irratti ta’a. karaa gadi buusu irra abaaboo baayyeen miidhaguu danda’a, keessi isaa garuu qoree baayyee qaba. Ifi abdii balbala irraa mul’atu yeroo keessa galan dukkana abdii kutannaatti jijjiirama, lubbuun achi irra deemtus gaaddidduu halkan dhuma hin qabnee keessa seenti.LGEI 134.2

    “karaan warra hin amannee garuu bu’aa ba’ii dha.” Ogummaan garuu “karaan ishee karaa namatti tolu dha, daandiin ishees daandii nagaati.” Fkn 13:15; 3:17. Gochi Kiristoosiif abboomamuu kam iyyuu, gochi Isaaf jedhanii of ganuu hundinuu, qorumsi jabinaan keessa darbamu hundinuu, mo’ichi qorumsa irratti ragamu hundinuu, sadarkaa ittiin gara ulfina dhumaatti tarkaanfatani dha. Kiristoos akka nu geggeessuuf yoo heyyamne inni nagaadhaan nu geggeessa. Cubbamaan kam iyyuu karicha irraa hin kaatu. Lubbuun dhiphina keessa jirtu kam iyyuu karaa ifaa fi qulqullummaa irraa hin kufu. Karichi ammam dhiphaa yoo ta’e iyyuu, qulqulluu fi kan cubbuun keessatti hin argamne yoo ta’e iyyuu, namni hundinuu karaa ittiin ol galu waan argateef namni tokko illee “Waaqayyo anaaf hin yaadu” jechuudhaan shakkuu hin qabu.LGEI 134.3

    Karichi bu’aa ba’ii ta’uu danda’a; bitaa fi mirgaadhaan gufuun jiraachuu danda’a; nuti garuu deemsa keenya jabaannee itti fufuu qabna; yeroo dadhabnu, boqonnaa yeroo barbaadnu, jabaannee itti fufuu qabna; yeroo of wallaalluttis balali’uu qabna; yeroo abdii kutannaa, abdii qabaachuu qabna; garuu Kiristoos utuu nu geggeessuu iddoo dhuma irratti ga’uu qabnu hin hankaaknu. Karaa nuti irra deemuu qabnu Kiristoos waan dursee irra adeemeef miilla keenya jalaa gufuu haxaa’eera.LGEI 135.1

    Karaa gara jireenya bara baraatti geessu irra burqituun gammachuu kan lubbuu dadhabde haaressu jira. Warri daandii Ogummaa irra adeeman ari’atama keessatti illee ni gammadu; sababiin isaa inni lubbuun isaanii jaallate sun isaanii wajjin adeema. Yeroo ol adeemanitti qabaa harka isaatii adda ni baafatu; tarkaanfii isaanii tokkoo tokkoo isaa keessatti mil’annaan ulfina isaatii karaa isaanii irratti ni ifa; faarfannaan isaanii faarfannaa ergamootaa wajjin gara teessoo Waaqayyootti ol ba’a. “Daandiin qajeelotaa akka ifa barii ganamaa isa yeroo biiftuun baatee ol deemtuu, ittumaa ifaa ol adeemuuti.” Fkn 4:18.LGEI 135.2