Loading...
Larger font
Smaller font
Copy
Print
Contents

Lallaba Gaara Eebbaa Irraa

 - Contents
  • Results
  • Related
  • Featured
No results found for: "".
  • Weighted Relevancy
  • Content Sequence
  • Relevancy
  • Earliest First
  • Latest First
    Larger font
    Smaller font
    Copy
    Print
    Contents

    “Mootummaan kee haa dhufu.” Mat. 6:10.

    Waaqayyo Abbaa keenya dha, kan akka ijoollee Isaatti nu jaallatuu fi nuuf yaadu; Inni mootii samii fi ardiiti. Fedhiin mootummaa Isaa fedhii keenyadha, isaaf ijaaruu fi hojjechuu qabna.LGEI 105.2

    Bartootni Isaa mootummaan ulfinaa battaluma sanatti hunda’a jedhanii eegaa turan. Inni garuu kadhannaa kana Isaan barsiisuudhaan akka mootummaan Isaa yeroo sana lafa irratti hin hundoofne isaan barsiise. Fuula duratti akka Inni dhufuuf kadhachuu qabu. Akkasumas kadhannaan kun isaaniif wabii dha. Yeroo Isaan yaadanitti dhufuu yoo baate iyyuu mootummaan Isaa yeroo waaqayyo murteessetti akka Inni dhufuuf jiru kan mirkaneessu dha.LGEI 105.3

    Mootummaan Waaqayyoo amma hunda’aa jira, guyyaatii gara guyyaatti onneen cubbuun guuttee fi finciltuu taate baayyeen gara jaalala Waaqayyootti harkifamaa jirti. Mootummaan Isaa hanga Yesuus lammata deebi’ee dhufutti guutuu guutummaatti biyya lafaa kana irratti hin hundaa’u. “Mootummaa mo’uun, guddinni mootummoota guutummaa bantii waaqaa jala jiranii, saba warra Isa hundumaa gararraa jiruuf qulqulla’aniif ni kennama.” Dan. 7:27. Mootummaa isaaniif qophaa’e ni dhaalu, “Isa uumama biyya lafaatii jalqabee qophaa’e.” Mat. 25:34. Kiristoosis aangoo guddaadhaan isaan irratti ni mo’a.LGEI 105.4

    Yeroo qulqullootni kumaatama baayyeetti lakka’amanii fi Fayyisaan keenya Mootii Moototaa fi Gooftaa Gooftotaa ta’ee dhufutti balbalootni samii ol ol jedhu. Waaqayyo, “Guutummaa biyya lafaa irratti mootii ni ta’a: gaafas Waaqayyo Isuma tokkicha, maqaan Isaas tokkichuma.” “Kunoo iddoon Waaqayyo buufatu namoota gidduu dha, Inni isaan bira buufachuuf jira, isaanis saba Isaa ta’uuf jiru. Waaqayyo ofii Isaa isaanii wajjin jiraachuuf jira. Waaqayyo isaaniis ta’uuf jira.” Zak. 14:9; Mul. 21:3.LGEI 106.1

    Sun utuu hin dhufin dura garuu, jedhe Yesuus, “Saba hundumaatti akka dhugaa ba’uuf, wangeelli Mootummaa kun guutummaa biyya lafaatti ni lallabama.” Mat. 24:14. Amma wangeelli ayyaanaa kun guutummaa biyya lafaa wal ga’utti Inni hin dhufu. Kanaaf, ofii keenya Waaqayyoof yeroo kenninu, lubbuus Isaaf yeroo boojinu, dhufa Mootummaa Isaa ariifachiifna. Warra dhugumaan of kenne qofatu warra jaame banuuf, namoota “Dukkanattii gara ifaatti, aangoo Seexanaa jalaas gara Waaqayyootti haa deebi’aniif, ija isaanii ni banta; anatti amanuudhaanis dhiifamuu isaanii argatanii, warra qulqulla’n gidduuttis dhaala isaanii haa fudhataniif” (HoE. 26:18), gara Waaqayyooti deebisuuf “Asin jiraa, anaan ergi” jedha (Isa. 6:8). Isaan qofatu garaa isaanii irraa, “Mootummaan kee haa dhufu” jedhee kadhata.LGEI 106.2

    Larger font
    Smaller font
    Copy
    Print
    Contents