Loading...
Larger font
Smaller font
Copy
Print
Contents

Lallaba Gaara Eebbaa Irraa

 - Contents
  • Results
  • Related
  • Featured
No results found for: "".
  • Weighted Relevancy
  • Content Sequence
  • Relevancy
  • Earliest First
  • Latest First
    Larger font
    Smaller font
    Copy
    Print
    Contents

    Boqonnaa 2 - Kan Eebbifaman

    ’Inni barsiisuma kanaan afaan Isaa saaqqate; kara hafuuraatti hiyyeessota kan ta’an haa gammadan, mootummaan Waaqaa kan isaaniiti.’ Mat. 5:2,3.

    Aka waan haaraa fi keessummaatti dubbiin kun gurra namoota lakkoofsaan hedduu ta’anii fi maaltu dubbatama laata jedhanii eegaa jiranii keessa bu’e. Barsiisni kun kan isaan lubootaa fi barsiisota isaanii irraa dhaga’anii wajjin baayy’ee kan wal-faallessu dha. Dubbii Isaa kana keessaa of tuulmaa isaanii ykn abdii ol of qabuuf isaan eegan kan gargaaru hin arganne. Haa ta’u malee, yeroo barsiisaan haaraa ta’e kun dubbatutti humna akka isaan dhiisanii hin deemneef achitti isaan hidhutu ture. Minyaan jaalala Waaqummaa Isaatii argamuu Isaa irraa akka foolii abaaboo gaariitti kan dhangala’u dha. Dubbiin Isaa “Akka bokkaa lafa margi irraa haamame irratti bu’uu, akka tiifuu deddeebi’ee lafa jiisuuti”. Far. 72:6. Hundi isaanii akka Namni iccita onnee namaa keessa jiru dubbisuu danda’uu fi gaarummaa guddaadhaan gara isaanii dhufe itti dhaga’ame. Onnee isaanii waan Isaaf bananiif utuma dhaggeeffachaa jiranii hiikkaa dubbii dubbatamaa jiruu kan namni hundinuu bara hundumaa keessatti barachuu qabu akka hubataniif Hafuurri Qulqulluun isaaniif ibse.LGEI 6.1

    Bara Kiristoos lafa irra ture keessa geggeessitootni amantii turan akka waan Hafuuraan badhaadhoo ta’aniitti of yaadu turan. Kadhannaan Faarisichaa kan inni, “Akka namicha cubbamaa sanaa waan na hin taasifneef si haa galatu” (Luq. 18:11) jedhe sun miira namoota sadarkaa isaa wajjin wal fakkaatu hundumaa fi saba sana hundumaa keessa jiru ta’uu ibsa. Haa ta’u malee, namoota Yesuusitti marsanii ta’aa turan keessaa kan Hafuuratti hiyyeessa ta’uun isaanii itti dhaga’amu muraasni turaniiru. Yeroo qurxummii qabuu keessatti dinqiin humna Waaqayyoo mul’ate Pheexiroos miilla Yesuus jalatti kufee, “Ana irraa fagaadhu; ani nama cubbamaadhaa” (Luq. 5:8); akkuma kana namoota bakka gaara sana irratti walitti qabaman keessaa kan Qulqullummaa Yesuusii wajjin walbira of qabanii “Ani nama xura’aa, dadhabaa, hiyyeessa, jaamaa fi qullaa dha” ofiin jedhan turaniiru (Mul. 3:17); isaan Ayyaana Waaqayyoo isa fayyina isaaniif fidu fedhaa turan (Tit 2:11). Lubbuu kanneen keessatti, nagaan Yesuus gaafate abdii keessa isaaniitii dammaqse; jireenyi isaanii eebba Waaqayyoo jala jiraachuu isaa argan.LGEI 6.2

    Namoota, “Sooressaa fi waan hunda kan geessifatan of se’aniif’ Yesuus eebba qaaxee guute kenneef (Mul. 3:17), wanti nutti hir’atu hin jiru waan jedhaniif kennaa ulfina qabeessa sana ni tuffatan. Namni guutuu dha ofiin jedhu, haala ofii isaatiitti kan quufu, ani nama gaarii dha kan ofiin jedhu, ayyaanaa fi qajeelummaa Kiristoosittii hirmaachuuf hin dubbattu. Of tuulmaan homaa na hin barbaachisuudhaan guuta; kanaaf onnee isaanii Kiristoosii fi eebba Inni fideefii dhufetti akka cufatan godha. Onnee nama akkasii keessaa Yesuus iddoo hin qabu. Warri ija ofii isaaniitti kabajamoo fi badhaadhoo ofse’an amantiidhaan waan hin gaafanneef Waaqayyo biraa eebba hin argatan. Guutuu waan of se’aniif duwwaa isaanii deebi’u. Warri akka ofii isaanii oolchuu hin dandeenye, ykn ofii isaaniitii qajeelummaa gochuu akka hin dandeenye beekan, isaantu gargaarsa Kiristoos biraa argamu dinqifata. Warra hafuuratti hiyyeessota ta’ani dha kan inni kan eebbifamani dha jedhe.LGEI 7.1

    Namni Yesuus cubbuu isaa dhiisuuf, kan duraan dursee qalbii jijjiirratu dha, cubbuu isaa akka inni amanuuf immoo kan amansiisu Hafuura Qulqulluu dha. Warri amansiisuun Hafuura Qulqulluu isaan keessa guute ofii isaanii keessatti gaarummaa ofii isaanii tokko illee hin argan. Kan isaan of keessatti argan, kan isaan hojjechaa turan hundi ofummaa fi cubbuudhaan kan faalame ta’uu isaati. Akka namicha hiyyeessa qaraxa funaanu sanaa, fagaatanii dhaabatanii, ija isaanii gara waaqaatti utuu ol hin kaasin, “Ani nama cubbamaadhaa yaa Waaqayyo natti araarami” jedhanii boo’u, Luq. 18:13. Isaan kun eebbifamoo dha. Kiristoos “Hoolaa Waaqayyoo Isa cubbuu biyya lafaa balleessu waan ta’eef’; warra qalbii jijjiirratuuf dhiifamni jira, Yoh. 1:29. Waadaan Waaqayyoo, “Cubbuun keessan akka dhiigaa yoo diimate, akka cabbii ni addaata; diimaa biluus yoo ta’e akka jirbii iddamaa ni addaata.” Isa. 1:18; Hiz. 36:26, 27 jedha.LGEI 8.1

    Warra hafuuratti hiyyeessota ta’aniin Yesuus akkana jedha, “Mootummaan Waaqayyoo kan isaaniiti.” Mootummaan kun akka dhaaltotni Yesuus itti eegan kan yeroo fi kan lafa kana irraa miti. Kiristoos mootummaa Isaa isa Hafuuraa, jaalalaa, ayyaanaa fi qajeelummaa Isaatiin guute namootaaf bane. Alaabaan mootummaa Masihichaa kan Inni ittiin adda baafame Ilma namaa fakkaachuudhaani dha. Mata dureen isaa, ‘hafuuratti hiyyeeyyeessota kan ta’an, warra gad deebi’ootaa fi warra qajeelummaadhaaf jedhanii jibbaman’ ture. Mootummaan Waaqayyoo kan isaaniiti. Yoo guutummaatti hin raawwatamne ta’e illee, hojiin akka isaan “Ifa isa waaqa irraatti qooda warra Isaaf qulqulla’anitti hirmaachuu isaan dandeessisu” jalqabeera. Qol. 1:12.LGEI 8.2

    Namootni hiyyummaan lubbuu isaanii fi keessa isaanii gaarummaan ofii isaanii tokko illee akka hin jirre amanan, gara Yesuusiin ilaaluudhaan qajeelummaa fi jabina argachuu danda’u. Akkana ittiin jedha, “Isin dadhaboota nana ba’aan keessan kan isinitti ulfaate gara koo kottaa.” Mat. 11:28. Hiyyummaan keessan badhaadhummaa ayyaana Isaatiin ni jijjiira. Nuti kan jaalalli Waaqayyoo nuuf malu miti, garuu Kiristoos Isa furii keenya ta’eef waan maluuf, Inni warra gara Isaa dhufan fayyisuudhaaf ni danda’a. Muuxannoon kee yeroo darbee maal iyyuu yoo ta’e, haalli ati amma keessa jirtus kan abdii nama kutachiisu yoo ta’e illee, akkuma jirtutti gara Yesuus yoo dhufte, dadhabaa, gargaarsa kan hin qabne, fi abdii kan kutatte, fayyisaan keenya Inni gara laafessi isaan kana hunda si irraa fuudha, harka jaalala Isaa fi uffata qajeelummaa Isaas sitti ni mara. Uffata adii amala Isaatii nutti uffisee Abbaatti nu dhiyeessa. Akkas jechuudhaan qooda keenya Abbaa nuuf kadhata, “Ani iddoo cubbamaa kana fudhadheera. Mucaa kufe kana utuu hin taane anaan ilaali.” Akkuma seexanni sagalee ol fudhatee cubbuu keenyaaf nu hadheessuudhaan duuka buutuu kooti jedhee lubbuu keenya falmatu, dhiigni Kiristoos humna guddaadhaan nuuf kadhata.LGEI 9.1

    “Qajeelinnii fi jabinni Waaqayyo duwwaa bira jira. . . . sanyiin Israa’el hundinuu humna kootiin ni mo’u, ana Waaqayyo isaaniitiin ulfina ni argatu.” Isa. 45:24, 25.LGEI 9.2

    Larger font
    Smaller font
    Copy
    Print
    Contents