Loading...
Larger font
Smaller font
Copy
Print
Contents

Lallaba Gaara Eebbaa Irraa

 - Contents
  • Results
  • Related
  • Featured
No results found for: "".
  • Weighted Relevancy
  • Content Sequence
  • Relevancy
  • Earliest First
  • Latest First
    Larger font
    Smaller font
    Copy
    Print
    Contents

    “Maqaan kee haa qulqullaa’u.” Mat. 6:9.

    Jecha maqaan kee haa qulqullaa’u jedhu kana Waaqayyo qofaaf fayyadamna. “Maqaan Isaa qulqulla’aa dha.” Far. 111:9. Qulqullummaa Isaa bifa kamiin iyyuu gadi buusuu hin qabnu. Kadhannaadhaan iddoo isa hundumaan ol jiruutti seenna; kanaaf Isa duratti qulqullummaadhaan dhiyaachuu qabna. Ergamoonni Isa duratti fuula isaanii ni haguuggatu. Kiruubelonni ifa baatan sodaa guddaadhaan Isa duratti dhiyaatu. Nuti, warri cubbamoo fi dadhaboon immoo Isa nu uume duratti yeroo dhiyaannu ammam sodaadhaan dhiyaachuu qabna!LGEI 104.1

    Maqaa Waaqayyoo qulqulleessuu jechuun hiika kana caalu qaba. Tarii akka Yihuudota bara Yesuus lafa irra turee sana, bakkeedhaan Isa sodaachuu keenya mul’ifnee hojii keenyaan garuu itti fufiinsaan Isa ganuu dandeenya ta’a. “Maqaan Isaa Waaqayyo Isa jiraataa dha” “ho’a qabeessaa fi araara qabeessa, aariitti suuta jedhaa, gaarummaan koo fi amanamumman koo guddaa dha; . . . Yakka, irra daddarba, cubbuus namaaf nan dhiisa.” Ba’uu 34:5-7. Waa’een waldaa Kiristoos akkas jedhamee barreeffamee jira, “Akkas jettee maqaa Isaa ni waamti, ‘Waaqayyo qajeelummaa keenya.’” Erm. 33:16. Maqaan kun duuka buutota Kiristoos hunda irra ka’ama. Maatiin kan waamaman Abbaatti aanseeti. Raajichi Ermiyaas, rakkinaa fi qorumsa guddaa keessa taa’ee yeroo kadhate akkas jedhe, “Maqaa keetiin in waamamna’oo, nu hin gatin.” Erm. 14:9.LGEI 104.2

    Maqaan kun ergamoota samii fi jiraattota addunyaa hin kufiniitiin ni qulleeffama. Yeroo kadhattan, “Maqaan kee haa qulqullaa’u,” lafa irrattis samii irrattis jettu. Waaqayyo namootaa fi ergamoota duratti ijoollee koo jedhee isin waame; yeroo kadhattan maqicha kabajuu keessan agarsiisaa, “Maqaa ba’eessa isa ittiin waamamtan” Yaaqob 2:7. Waaqayyo akka bakka bu’aatti gara biyya lafaatti isin erge. Waan gootan hundumaa keessatti maqaa Waaqayyoo agarsiisaa. Kadhannaan kun amala Isaa akka qabaattan isin gaafata. Yoo jireenyaa fi amala keessaniin Isa bakka bu’uu hin dandeessan ta’e maqaa Isaa qulqulleessus ta’e biyya lafaa keessatti Isa bakka bu’uu hin dandeessan. Kana gochuu kan dandeessu ayyaanaa fi qajeelummaa Kiristoosiin fudhachuudhaan qofa dha.LGEI 105.1

    Larger font
    Smaller font
    Copy
    Print
    Contents